18 Nov 2025, 06:04 UTC≈3,270 views39 reactionsread 12 September 2026 Photo
#Mormii
Dabalamuu waggaa tokkoofi barattoonni akka barsiisanii murteessuu ministeera barnootaan wal qabachuun ganama harraa Yuunivarsitii Wallaggaatti hirriirri nagaa taasifameera.
Hiriira kana irratti barattoonni mormii jabaa dhageessisaniiru.
Dabalataan Yuunivarsitii madda Walaabuutti taate walfakkaataan mudateera.
Viidiyoon daawwadhaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_S…
❤31👍6🔥2
15 Nov 2025, 10:32 UTC≈2,880 views18 reactionsread 12 September 2026 Sababoonni darbiinsa qormaata kutaa 12ffaa gadi aanaa ta’eef qoratamuu qabu-Koree Dhaabbii
Sababni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa dhibbeentaa 50 ol gadi aanaa ta’eef qoratamuu qaba jedhe Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenna Namaa, Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa.
Koreen Dhaabbii kun raawwii karoora kurmaana 2018 Ministeerri Barnootaa gamaaggamee jira.
Waggoota shanan darban keessatti…
❤16🤩2
15 Nov 2025, 09:15 UTC≈2,310 views5 reactionsread 12 September 2026 "Tuttuqqii cimaa Eertiraan taasisaa jirtu obsinee waraanatti galuu dhiisne haa ta'u malee obsi kunis daangaa qaba"Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos.
Itoophiyaan “Eertiraan daangaa koo sarbite, garee hidhattootaa deeggarti, waraanatti akka hingalleef obsa guddaa agarsiisaa jirra garuu bara baraan hin obsinu” jette
Itoophiyaan Eertiraan garee hidhattootaa daangaa koo keessa socho’an deeggaraa…
❤5
9 Nov 2025, 08:41 UTC≈2,230 views6 reactionsread 12 September 2026 Biiroon Dhimma Dargaggoota Tigraay Baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman keessa jiraatan hatattamaan akka eegamu fi gara biyyaatti akka deebifaman gaafate.
Biiroon Dhimma Dargaggoota Bulchiinsa Yeroo Tigraay Dhaabbata Godaantota Addunyaa (IOM) fi Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaatti waamicha hatattamaa dhiyeessee, baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman keessa jiran “rakkoo namoomaa hamaa fi hammaataa dhufe” keessa akka jiran ibsee…
❤6
1 Nov 2025, 15:57 UTC≈2,140 views8 reactionsread 12 September 2026 "Filannoo gaggeessuuf eyyama eenyuuyyuu nu hinbarbaachisu, humna gahaa qabna”MM Dr Abiy Ahimad.
MM Doktar Abiyyi Ahmad, walga’ii Idilee 2ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Kibxata darbe adeemsifamerratti gaaffiilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif wayita deebiifi ibsa kennan, “Filannoo gaggeessuuf eyyama eenyuuyyuu nu hinbarbaachisu, humna gahaa qabna” jedhaniiru.
Paartiileen siyaasaa qophii gahaa hintaasif…
❤8
1 Nov 2025, 11:42 UTC≈1,800 views1 reactionsread 12 September 2026 Filannoo Taanzaaniyaa 'dhibbaatami ajjeefaman' irratti Saamiyaan mo'atan
Daataa qusachuuf barreeffama qofa dubbisi
Pirezidant Saamiyaa Suluhuu pirezidantiin duraanii erga du'an booda bara 2021 gara aangoo dhufan
Reuters
Pirezidant Saamiyaa Suluhuu Hasan filannoo pirezidantii torban kana taasifame 97.66'n injifachuu Komishiniin Filannoo Tanzaaniyaa beeksise.
Filannoo Tanzaaniyaa kana irratti mormiifi hookkarri ka'ee n…
❤1
30 Oct 2025, 15:47 UTC≈1,740 views2 reactionsread 12 September 2026 EZEMAn Paartiin Badhaadhinaa hojjattoota mootummaa dirqamsiisee miseensa godhataa jira jechuun komate.
Paartiin Lammiileen Itiyoophiyaa Walqixxummaa Hawaasaatiif (Ezema) paartiin biyya bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, hojjattoonni mootummaa fedhii isaanii miseensa dhaabichaa gochuuf dhiibbaa irraan geessisaa jira jechuun ibsa Onkoloolessa 28/2025 baaseen komateera.
Gochi kun heera biyyattii kan cabsuufi dimokira…
❤2
29 Oct 2025, 16:59 UTC≈1,820 views4 reactionsread 12 September 2026 "Uummata Ertiraa waliin fedhii waraanaa gonkumaa hin qabnuu"MM Dr Abiy Ahimad.
MM Dr Abiy Ahimad "Dhimma Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu waan hin oollee"jedhan.
Walgahii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata 6ffaa kaleessa gaggeeffamerratti gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad deebiifi ibsa kennaniiru.
Ibsasa kennaniinis, dhimmi Itoophiyaa…
❤4
29 Oct 2025, 06:19 UTC≈1,700 views2 reactionsread 12 September 2026 Photo
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad “Namni karaa nagaan dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha” jedhan.
MM Dr Abiy Ahimad qaamni karaa nagaa dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha jechuun, “warreen nu faana araaramuuf jedhan akka hin araaramne qaamni godhanis jiraachuu” eeran.
Ministirri Muumme…
❤2
29 Oct 2025, 06:19 UTC≈1,610 viewsread 12 September 2026 Photo
qarqara Keeniyaatti Xiyyaarri namoota 12 qabatee deemaa ture kufee caccabuun ibsame.
Xiyyaarri namoota 12 qabatee balali'aa ture Kaawontii Kiwaalee kan qarqara Keeniyaatti argamtutti kufee caccabuu, Abbaan Taayitaa Aveeshinii biyyattii beeksise.
Xiyyaarri kun magaalaa qarqara galaanaa Keeniyaa Diyaanii jedhamturraa gara rizoortii paarkii taphaatti akka sa'aatii naannoo sanaatti 05:30 (02:30 GMT) osoo balali'aa jir…
19 Oct 2025, 20:52 UTC≈2,560 views3 reactionsread 12 September 2026 Photo
Oduu Gaddaa:
Muftii Haaji Umer Idriis addunyaa kanarraa du’aan boqatan.
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa duraanii Kabajamoo Dr. Muftii Haaji Umer Idriis du'aan addunyaa kanarraa boqotan.
Abbaan amantaa guddichi Muftii Haaji Umer Idriis dhukkuba isaan mudateen wal'aansa fayyaa osoo fudhatanii guyyaa har'aa addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Miidiyaan @Abdii_Sabaa maatii Haaji Um…
❤3
17 Oct 2025, 06:38 UTC≈1,810 views1 reactionsread 12 September 2026 pireezidaantin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "Israa’el jecha tokko yoo naaf kennite waraanni Gaazaa itti fufa" jedhan .
Pireezidaantichi “Israa’el waraana akka itti fuftu gochuu nan danda’a,”jedhan.
Tiraamp kana kan dubbatan Israa’el booji’amtoonni du’an Hamaas naaf deebisan lammiilee Israa’el akka hin taane erga dubbattee booda.
Pireezidaantichi itti dabaluudhaan, Hamaas waliigaltee nagaa hordofuu yoo baate, muummic…
❤1
Showing the 12 most recent of 14 posts we hold for @ABDII_SAABA. View and reaction counts are the latest single reading for each post, not a live figure, and a recent post is still accumulating both. A view count marked ≈ was rounded by Telegram before we ever saw it — t.me prints views in full below 1,000 and to three significant figures above, so ≈1,200,000 means somewhere between 1,150,000 and 1,249,999. Unmarked counts are exact. Text is reproduced from the public post preview and truncated for length.